Fana: At a Speed of Life!

Gammoojjiin Bilaattee dhalli namaa jabaatee yoo hojjete maal fiduu akka danda’u argisiisa – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 15, 2018 (FMC) – Gammoojjiin Bilaattee dhalli namaa jabaatee yoo hojjete maal fiduu akka danda’u kan argisisuu dha jedhan Ministiri Muumee Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad misoomanwan naannawa Bilaattee daawwataniiru.

Waggaa sadan har’aa gara Bilaattee dhufuu isaanii yaadachiisanii, yeros naannawichi gammoojjii homaa ofirraa hinqabne akka ture yaadachiisaniiru.

Amma garuu jedhan, burtukaana, loomii, paappaanyaa, muuzii, Shankooraafi avokaadoo dabalatee fuduraalee hedduun lafa heektaara dhibbaan tilmaamamu irratti jal’isiin oomishamaa jiru.

Gammoojjiin Bilaatte namni jabaatee yoo hojjete maal fiduu akka danda’u argisiisa jechuunis ibsan.

Naannoon Sidaamaas bara kana lukkuuwwan miliyoona 15 oomishaa akka jiru ibsanii, waggaa sadan har’aa naannoo miliyoona 4 akka tures yaadachiisan.

Kanaanis maaddiin babal’achaa jiraachuu fi oomishni fuduraalee guddachaa dhufuu, magaalonnis jijjiiramaa dhufuu, akkasumas indaastiriiwwan gara alaatti hanga erguutti guddachuu isaanii eeraniiru.

Kun hundi ida’amuun Itiyoophiyaan seenaa kadhaafi hiyyummaa keessa turterraa gara badhaadhinaatti ce’uu ishee mirkaneessuu danda’a jedhaniiru.

Jalqabbiiwwan gaggaariin gama hundaan jiraachuus dubbatanii, babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru.

Bu’aan damee tokkoon argamu rakkoo hunda hin hiiku kan jedhan Dooktar Abiy, qonnaan, indaastiriin, magaalaan, maaddii guutuun, misooma koriidarii baadiyyaan hojiiwwan eegalle yoo walitti hidhaman Itipophiyaa hawwinu uumuuf baay’ee gargaaru jedhan.

Adimaasuu Arraagaaw

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.