Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan dameewwan garaagaraan tumsa qaban cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Amajjii 20, 2018 (FMC) – Gamtaan Afrikaafi Ameerikaan dameewwan garaagaraan tumsa qaban cimsuuf waliigalaniiru.
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimuud Alii Yusuuf Ministira Dhimma Alaa Itti aanaa Ameerikaa Kiristoofar Tii Laandaaw fi Ajajaa Ajaja Afrikaa Ameerikaa Jeneraal Daagviin Andarsan waliin mari’ataniiru.
Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Maahimmuud Alii Yusuuf wayita kana daawwannaan jila Ameerikaa tumsa qaamolee lameeniif qooda olaanaa qabaachuu ibsan.
Tumsa tarsiimawaa qaamolee lameenii wal kabaja, faayidaa waloo, nageenyaafi tasgabbii akkasumas badhaadhina irratti hundaa’e guddisuuf Gamtichi kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Marichaan qaamoleen lameen dameewwan bu’uuraalee misoomaa fi invastimantiirratti waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.