Fana: At a Speed of Life!

Gamtichi galmoota Idil-addunyaa milkeessuuf Mootummoota Gamtooman wajjin hojjechuu itti fufa – Mahammud Alii Yuusuuf

Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Gamtaan Afrikaa galmoota Afrikaa darbees kan idil addunyaa milkeessuuf Mootummoota Gamtooman waliin hojjechuu ittifufa jedhan dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuuf.

Mahaammud Alii Yuusuuf, Mootummoonni Gamtoomanii yaa’ii 79ffaa irratti Gamtaa afrikaa waliin hojjechuuf murtoo dabarse ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Murtoo dhaabbatichaa Gamtichi gammachuun akka fudhatu ta’uu ibsaniiru.

Murtichi Gamtaa Afrikaa fi Mootummoota Gamtoomanii gidduutti tattaffii nagaa fi tasgabbii darbees misooma waaraa mirkaneessuuf godhamu keessatti tumsan hojjechuu kan dandeessisuudha jedhameera.

Keessumaa ajandaa Gamtichaa 2063 fi galmoota misomaa waaraa 2030 milkeessuuf Mootummoota Gamtoomanii wajjin tumsaan hojjechuuf qusannoo malee akka deggaru ibsaniiru.

Mikiyaas Ayyalaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.