Ganna roobaan bona jallisiin misoomsuun badhaadhina maatii fi biyyaa milkeessa – Obbo Awwaluu Abdii
Finfinnee, Mudde, 9, 2018 (FMC)- Ganna roobaan bona jallisiin misoomsuun badhaadhina maatiifi biyyaa milkeessa jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.
Obbo Awwaluu Abdiin, Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Qimbibiititti facaasaa qamadii jallisii bonee eegalchiisaniiru.
Obbo Awwaluu saganticharratti haasawaa taasisaniin, riifoormii diinagdee gooroo mootummaan hojiirra oolche roga hundaan cimsuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu, Al-ergii guddisuu, oomisha alaa galu biyya keessatti oomishuu fi carraa hojii bal’inaan uumuun kutannoo ol’aanaan hojjetamaa jira jedhan.
Akka naannoo Oromiyaattis Piroojektiwwan Finnaa hojjetamaa ture, tajaajila kennuun bu’aa dachaa argamsiisaa jiraachuus kaasan.
Makaanaayzeeshinii Qonnaa guddisuufi dhiyeessii galteewwan qonnaa guutuunis qonnaan bultoonni ganna roobaan, bona jallisiin misoomsuun badhaadhina maatii fi biyyaa akka milkeessaniif kan deeggaru ta’uu himaniiru.
Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, akka godinichatti bara kana qamadii jallisii lafa hektaara kuma 200 fi kuma 32 misoomsuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bultootaaf deeggarsa barbaachiisu taasisuun callaa kuntaala miiliyoona 9 ol argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni Aanichaas baroota darban misooma jallisii boneen Qamadii kilaasteraan facaasneen fayyadamoo taanee jirra,bara kanas bu’aa caalmaa argachuuf ni hojjenna jedhan.
Oliyaad Badhaaneetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.