Garaagarteen gufuu misoomaa ta’uu hin qabu – Dooktar Aragaawwii Barihee
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2018 (FMC) – Garaagarteen gufuu misoomaa ta’uu hin qabu jedhan Daayrekterri Olaanaan Qindeessaa Waajjira Piroojektii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa Dooktar Aragaawwii Bariheen.
Qaamoleen garaagartee leellisan gara walitti bu’iinsaatti seenu kan jedhan Dooktar Aragaawwiin, bu’aa walitti bu’iinsarraa argamu akka hin jirre eeran.
Garaagarteen yaadaa, sabaa, Afaanii, Amantii fi kanneen gufuu misoomaa ta’uu hin qaban jedhan.
Walitti bu’iinsi walbaleessuu, qabeenya barbadeessuun biyya miidhuun ala bu’aan irraa argamu akka hin jirre hubachiisan.
Qaamoleen garaagartee leellisan fottoquu kan yaadan ta’uu, ibsuun, hanga ammaatti bu’aan fottoquurraa argame hin jiru jechuun himan.
Biyyoonni fottoqan hanga ammatti haqaa fi diimokiraasii mirkaneessuu akka hin dandeenye eeran.
Kanaaf fottoquun yaadama faayidaa hin qabneedha jedhan.
Birhaanuu Abarraatiin
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.