Garaagarummaa yaadaa dhiphisuuf walitti dhiyaatanii mari’achuu barbaachisa – Ministeera Nageenyaa
Finfinnee, Waxabajjii 14, 2017(FMC) – Garaagarummaa yaadaa dhiphisuuf walitti dhiyaatanii mari’achuu gaafata gaafata jedhe Ministeera Nageeyaa.
Ministeerichi hoggantoota damee Nageenyaafi Tasgabbii naannoolee hundarraa dhufan waliin mari’chaa jira.
Ministirri Deetaan Ministeera Nagaa Dooktar kaayraddiin Tazarraa ijaarsa nagaa hawaasa bu’uurffate keessatti muuxannoo naannoolee babal’isuun xiyyeeffannoo gara fuula duraa akka ta’e maree kanarratti kaasaniiru.
Garaagarummaan yaadaa duruu kan jiruu fi dhipphisuuf garuu walitti dhiyaatanii mari’achuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru
Raayyaa nagaa ittifufiinsaan uumuuf Ministeerichi naannoolee hirmaachisee hojjechaa akka jirus ibsaniru.
Kanaanis haalli adeemsa ijaarsa nageenya naannoolee yeroo yeroon qorachuun hubachuuf hojjetamaa jira jedhan.
Naannooleen tooftaalee mandhalee rakkoon ittiin hiikaman fayyadamanii rakkoolee sodaa nagaa ta’an hir’isuu danda’uu isaanii dubbataniiru.
Ga’een dudhaaleen hawaasaa ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddachaa dhufuunis waltajjii kanarratti ka’eera.
Bakka bu’oonni Biiroolee Nageenyaa Naannoolee sababoonni walitti bu’iinsaa sodaa nageenyaa ta’an maree hawaasaan cimanii haalli rakkooleen ittiin hiikaman uumamuus ibsaniiru.
Fuulduraaafis rakkooleen nageenyaa kutaalee adda addaa biyyattiitti mul’atan tooftaalee mandhalee nagaan ittiin bu’un akka furmaata argataniif kallattiin kaa’ameera.
Ashabnir kaasaahuntu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.