Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadiif badhaasni Birrii miiliyoona 10 kenname
Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC)- Ministeerri Aadaafi Ispoortii Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadiif badhaasa Birrii miiliyoona 10 kenne.
Ministeerichi Garichi waancaa Afrikaaf darbuu sababeeffachuun sagantaa affeerraa irbaataa taasiseeraafi.
Ministirri Ministeera Aadaafi Ispoortii aadde Shawiit Shaankaa wayita kana garichi bu’aa hojii mootummaafi Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaati jedhan.
Garichi tapha waancaa Afrikaan yeroo milkaa’aa akka dabarsu amantaa qabanis ibsaniiru.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii dorgommicha sadarkaa 3ffaan xumuruun waggoota 22 booda waancaa Afrikaaf darbuu mirkaneeffateera.
Salamoon Baqqalaan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.