Fana: At a Speed of Life!

Gareen Atileetiksii Ityoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa umurii 18 gadii fi 20 gadii irratti hirmaatu geggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2017(FMC) – Gareen Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Umurii waggaa 18 fi 20 gadii irratti hirmaachuuf gara Naayijeeriyaa Abukutaa deemuuf sirni geggeessaa raawwatameef.

Sirna kana irratti kan argaman Ministir Deetaan Aadaa fi Ispoortii Mekiyuu Mohaammad, atileetotni dorgommiiwwan irratti hirmaatan hunda keessatti alaabaa biyya isaanii ol kaasuuf carraaquu akka qaban dhaamaniiru.

Akkasumas atileetotni biyya isaanii bakka bu’uun bu’aa galmeessisuuf waliin hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Shaampiyoonaa Afrikaa 18 gadii fi 20 gadii Naayijeeriyaa magaalaa Abukutaatti gaggeeffamu irratti atileetoti 28 sadarkaalee umrii lamaan fi saala lamaaniin bakka bu’uun ni hirmaatu.

Dorgommii umurii 18 gadii kana irratti atileetotni 14 dorgommiiwwan 11 irratti kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommii umurii 20 gadii irratti ammoo atileetoti 17 dorgommii 17n kan hirmaatan ta’uun ibsameera.

Leenjisaa olaanaan garichaa Admaasuu Saajii barana sababa daangeffama umuriitiin hirmaattonni baay’een akka hin jirre himan.

Dorgommii kanarratti hanqinni atileetotaa baay’ee kan ka’e yoo ta’u, kunis bu’aa dhufuu malu irratti dhiibbaa geessisuu danda’a jedhaniiru.

Sadarkaa umrii malutti leenjiin sirrii fi teeknooloojiin deeggaramee kennamuu dhabuun rakkoo amma mudateef sababa ta’us dorgommii kanarratti bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf akka hojjetan leenjistoonni jila kanaa ibsaniiru.

Yeroon qophii hanqachuu fi qilleensi roobaa jiraatus atileetonni dorgoman yeroo gabaabaa keessatti akka gaariitti akka qophaa’an himaniiru.

Shaampiyoonaan atileetiksii Afrikaa waggaa 18 gadii fi 20 gadii Naayijeeriyaa Abukutaatti Adoolessa 9 hanga 13, 2017tti gaggeeffama.

Indaalkaachoo Wadaajeetiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: ofii

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.