Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa har’a gita isaa Ijipti waliin taphata
Finfinnee, Hagayya 30, 2017 (FMC) –Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Itiyoophiyaa har’a tapha marsaa 7ffaa gulaallii Waancaa Addunyaa gita isaa Ijipti waliin taphata.
Biyyootni lamaan har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee falmiin taasisan ni eegama.
Itiyoophiyaa fi Ijipti har’a yeroo 20ffaaf waliin taphatu.
Tapha Gulaallii Waancaa Addunyaa 2026’f ramaddii tokko jalatti kan ramadaman biyyootni lamaan tapha marsaa jalqabaan Ijipti galchii 2 fi 0n Itiyoophiyaa injifachuun kan yaadatamuudha.
Taphoota hanga ammatti taphatameen Ijipti qabxii 16 walitti qabachuun ramaddicha dursaa jirti.
Itiyoophiyaan ammoo, qabxii 6 qofa walitti qabachuun sadarkaa 5ffaa irratti argamti.
Biyyootni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 19 keessaa Ijipti yeroo 13 yoo injifattu, Itiyoophiyaan yeroo 3 injifachuun si’a 3 ammoo, qabxii qooddataniiru.
Taphni har’aa kun Ijipti Kaayirootti taphatama.
#Oromia #Ethiopia