Fana: At a Speed of Life!

Gareen Finxaaleyyii Faannoon ergama diinotarraa fudhachuun hokkoraa fi waraanaan biyya diiguuf hojjetaa jira

Finfinnee, Fulbaana 3, 2018 (FMC) – Gareen Finxaaleyyii naannoo Amaaraa keessa hidhannoon socho’u Faannoo ofiin jedhu ergama diinotarraa fudhachuun hokkoraa fi waraanaan biyya diiguuf hojjetaa jira jedhe hogganaan nageenya odeeffannoo garichaa kan ture Yaaragaal Ayyaanaan.

Yaaragaal Ayyaanaan hogganaa nageenya odeeffannoo kutaa waraanaa ‘Raas Mangashaa Atiikam’ jedhamuutu ture.

Yaaragaal Ayyaanaan waamicha nageenyaa mootummaan dhiyeesse fudhachuun karaa nagaan mootummaatti harka kennachuun kan yaadatamuudha.

Hoggantoonni garichi diinota seenaa Itiyoophiyaarraa ergama badii fudhachuun biyya diiguuf socho’aa akka jiran ibse.

Garichi ummata naannicharratti badii hamaa fi gochaa gara jabinaa raawwachaa jiraachuu eere.

Sababa kanaan garichaa keessaa bahuun mootummaatti harka kennachuu ibse.

Hoggantoonni garichaa ijaarsi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa milkiin xumuramuusaatti daraan gadduu kan hime Yaaragaal Ayyaanaan, dargaggoonni hedduun olola sobaa garichi tamsaasuun gara sanatti makamuu isaanii himeera.

Hawaasni naannoo Amaaraa, garichi ergama badii qabatee socho’aa jiraachuu hubachuun mootummaa cinaa dhaabbachuun misoomaa fi nageenya naannichaa akka mirkaneessan waamicha dhiyeessuu TOI gabaaseera.

Dargaggoonni kaayyoo garichaa osoo hin hubatin dogoggoraan garee finxaaleyyii kanneenitti makaman waamicha mootummaan dhiyeesse akka fudhatan gaafateera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.