Gareen Kubbaa Miillaa Dubartootaa Baankii daldalaa mo’ataa piriimiyar liigichaa ta’e
Finfinnee, Ebla 28, 2017 (FMC) – Gareen Kubbaa Miillaa Dubartootaa Baankii daldalaa dorgommii piriimiyar liigii dubartootaa bara 2017 injifate.
Garichi dorgommii torbee 25ffaan kutaa magaalaa Boolee 5-0’n mo’achuun taphni tokko utuu isa hafuu piriimiyar liigii bara 2017 injifachuu isaa mirkaneeffateera.
Kanaanis liigicha walitti aansuuun yeroo shan yoo mo’atu, waliigalaan yeroo 8ffaaf moa’chuu danda’eera.