Geejjibni Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa bara baajataa xumurame galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 8 ol argate
Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Geejjibni Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa bara baajataa xumurame galii Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 8 fi ol argadhe jedhe.
Dhaabbatichi bakka walitti qabaan boordii dhaabbatichaa fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen argamanitti guyyaa hojjettootaa kabajeera.
Bara baajatichaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 1 walitti qabuuf karoorfatee biiliyoonna 100 fi biiliyoona 8 ol argachuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa Dooktar Bariisoo Amaloon ibsaniiru.
Dhaabbatichi daddabarsa Fe’umsaa, Tarminaal Buufataa, Tajaajila Koorporeeshiniin bu’aa olaanaa galmeessuu eeran.
Geejjibni Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa hojiilee bu’aa qabeessa raawwachuun guddina Itiyoophiyaaf gumacha olaanaa taasisaa jiraachuu Walitti Qabaan Boordii fi Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen.
Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee, Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee dabalatee hoggantoonni fi hojjettoonni dhaabbichaa saganticharratti argamaniiru.
Yeshaambal Mihiratiitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.