Fana: At a Speed of Life!

Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa leenjifamtoota ajajoota doonii eebbisiise

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2018(FMC)- Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa leenjifamtoota ajajoota doonii eebbisiiseera.

Akkaadaamiin Geejjiba Galaanarraafi Loojistiksii Baabboogaayaa leenjifamtoota Caamsaa 2017 irraa eegalee leenji’aa turan 18 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Diiniin Akkaadaamichaa obbo Siraaj Abdullaahii sagantaa eebbaa kanarratti haasawa taasisaniin, yeroo ammaa kallattii mootummaan kaa’een hojiileen hojjetamaa jiru jedhan.

Itiyoophiyaan damee Kanaan gahee olaanaa bahachuu kaasanii, Akkaadaamichi hidhata dhaabbilee doonii idil-addunyaa, dhaabbilee leenjii geejjiba galaanarraa fi loojistiksii waliin qabu cimsaa jiraachuu ibsaniiru.

Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa itti gaafatamummaa biyyaa bahachaa jiraachuu fi misoomaafi guddina Itiyoophiyaaf hojjechaa akka jiru eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.