Giddugala Tajaajila Tokkoo rakkoo Bulchiinsaa furaa jiru…
Finfinnee, Bitootessa 26, 2018 (FMC) – Giddugalli Tajaajila tokkoo sadarkaa aanaatti jalqabuun kutannoo mootummaan rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf qabu kan agarsiisuudha jedhan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Siyaasaa obbo Namarraa Buliin.
Godina Jimmaa aanaa oomoo Naaddaatti wiirtuun giddugala tajaajila tokkoo eegaleera.
Giddugalli sadarkaa aanaatti tajaajila eegale kun, tajaajiloota 52 iddoo tokkotti kennuuf kan dandeessuudha.
Obbo Namarraa Buliin gama isaaniitiin, tajaajillii giddugala tokkoo magaaloota gurguddoi irratti eegale tartiibaan aanoolee hunda irratti tajaajilarra akka oolu himaniiru.
Kanamales, tajaailichi sadarkaa aanaatti jalqabuun isaa kutannoo mootummaan rakkoo bulchiisa gaarii hiikuuf qabu kan agarsiisuu ta’uu dubbataniiru.
Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasirgamasaaniin, kenniinsa tajaajilaa giddugala tokkoo yeroo jaqabaaf aanoolee godinichaa irratti jalqabe, dadhabbiifi deddeebii tajaajilamtoota irra qaqqabaa ture kan hambisuudha jedhan.
Muktaar Xahaatu gabaase.