Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli Aadaa Oromoo Amaataroota marsaa 12ffaaf leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Muddee 21, 2018 (FMC) – Giddugalli Aadaa Oromoo amaataroota ogummaa garaagaraan marsaa 12ffaaf leenjisaa ture eebbisiiseera.

Hogganaa itti aanaan Biiroo Aadaafi Tuuriziimii Oromiyaa Daraaraa Katamaa sirnicharratti akka dubbatanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa aadaa haaromsuun aadaa fi aartii Oromoo humneessuuf hojjechaa jira.

Amaateroota ogummaa adda addaan yeroo yeroon leenjisuun eebbisiisee gara damichatti makuun hojii kana keessaa tokko ta’uu kaasan.

Eebbifamtoonnis aadaafi aartii Oromoo guddisuuf qooda irraa eegamu cimanii itti fufuu qabus jedhan.

Giddugalli Aadaa Oromoos hambaawwan Oromoo kunuunsuufi beeksisuun cinatti aartii Oromoo guddisuuf dameewwan aartii hundaan dargaggootaa fi shamarran fedhiifi dandeettii qaban leenjisee aartii hawaasaaf gumaachaa jiraachuun himameera.

Sirna eebbicharratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, hoggantoonni Mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.