Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli gahumsa Saayinsii, Teeknooloojii fi Kalaqaa ‘Ansoo Afrikaa’ Yuunivarsitii Ambootti baname

Finfinnee, Fulbaana 17, 2018 (FMC) – Giddugalli gahumsa Saayinsii, Teeknooloojii fi Kalaqaa ‘Ansoo Afrikaa’ jedhamu Yuunivarsiitii Ambootti guyyaa har’aa baname.

Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e giddugalichi sadarkaa Afrikaatti hojiilee Saayinsii, teeknooloojii, kalaqa, beekumsaa fi qabeenyaan walitti hidhuuf ni deeggara.

Giddugalichi dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyaatti keessatti argamaniif, hayyoonni fi indaastiriwwan waloon akka hojjetaniif kan gargaaru ta’uun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Koraa Xushuunee, giddugallichi ifoomuun imala Itiyoophiyaan giddugala saayinsii fi teeknooloojii ta’uuf eegalte ni cimsa jedhan.

Akkasumas bu’uuraalee misoomaa teeknooloojii Afrikaa babal’isuu, qulqullina barnootaa mirkaneessuu akkasumas humna namaa gahaa horachuuf carraa kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Amboo Dooktar Baayyisaa Lataa gamasaaniin, giddugalichi dhaabbilee barnootaa olaanoo gara wiirtuuwwan qorannoo fi qo’annoo idil addunyaatti guddisuuf kan gargaarudha jedhan.

Indaastiriwwan teeknooloojii foyya’aa fayyadamuun addunyaaf gahee isaanii akka gumaachaniif ni dandeessisaas jedhan.

‘Ansoo Afrikaa ‘Mootummaa Chaayinaan kan deeggaramu Afrikaatti ce’umsa teeknooloojii fi beekumsa, Saayinsii fi kalaqa jajjabeessuuf dhaabbata hojjetudha.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.