Gifaataan “UNESCO”n galmeeffammun ga’ee olaanaa qaba-Ministeericha
Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Ayyaanni jijjiirraa bara haaraa Walaayitaa Gifaataan ambaa kiliyaa Addunyaa ta’ee “UNESCO”tti galmaa’uun isaa dudhaa isaa eeggatee dhaloota irraa dhalootatti akka darbuu fi baay’inni tuuristootaa akka dabaluuf qooda olaanaa qaba jedhe Ministeerri Aadaa fi Ispoortii.
Ayyaanni Gifaataa Dhaabbata barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n ambaa dhala namaa bakka bu’u ta’ee galmaa’eera.
Ayyaanichi “UNESCO”tti galmaa’uu ilaalchisee Ministeerichi ergaa gammachuu dabarseen Gifaataan uummata Walaayitaa biratti iddoo guddaa kan qabu, calaqqee eenyummaa Uummatichaa ta’uu kaaseera.
Itiyoophiyaatti dudhaaleen adda addaa, beekumsawwanii fi aadaawwan xabboo akka qorataman, galmeeffamanii ol kaa’aman, misooman, eegamanii fi qabiyyee seenaa, aadaa fi amantii isaanii eeggatanii dhalootaa dhalootatti akka darbaniif misooma aadaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jirus l ibseera.
Gifaataan qaama hojii dudhaalee aadaa kanaa ta’uu eeree, ayyaanichi ambaa kiliyaa addunyaa ta’ee galmaa’uun dudha isaa eeggatee dhalootaa dhalotatti akka darbuu fi baay’inni tuuristootaa akka dabaluuf gooda olaanaa akka qabaatus ibseera.
#Oromia #Ethiopia