Fana: At a Speed of Life!

Giincitti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Birrii miiliyoona 46’n ijaaramu eegale

Finfinnee, Caamsaa 28, 2017 (FMC )-Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Giincitti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Birrii miiliyoona 46’n ijaaramu eegale.

Manni barumsichaa deeggarsa Dhaabbata Miti Mootummaa irraa argameen kan ijaaramu ta’uu hogganaa itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel Faanaa Diijitaaliif himan.

Ijaarsi Mana baruumsichaa waggaa tokko keessatti kan xumuramu ta’uu Dooktar Galaanaan dubbataniiru.

Manni baruumsichaa daree barnootaa 18 oli fi waantoota barbaachiisoo hunda kan of keessatti qabateedha jedhan.

Hanga ijaarsi isaa xumuramuutti deeggarsi fi hordoffiin barbaachiisu kan taasifamu ta’uu ibsuun,dhaabbata deeggarsicha taasise galateeffataniiru.

Saganticharratti Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Aadde Ayyalech Isheetee, Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Baariisoo fi qooda qondaaltonni biroon argamaniiru.

Tsahaay Gulummaatiin.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.