Fana: At a Speed of Life!

Giriik dhiyeessii humna namaa leenji’erratti Itiyoophiyaa waliin hojjechuu akka barbaaddu ibsite

Finfinnee, Ebla 18, 2017 (FMC) – Giriik dhiyeessii humna namaa leenji’ee dameewwan ogummaa garaagaraarratti bobba’uu danda’urratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuu akka barbaaddu ibsite.

Ministir Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Dooktar Tashaalee Bareechaan jila garee Giriik waliin mari’ataniiru.

Haala biyyoonni lameen bobbii humna namaa leenji’ee seera qabeessa haala itti taasisuu danda’an irratti mari’atan.

Giriik dhiyeessii humna namaa leenji’erratti Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuu akka barbaaddu jilichi ibsuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.