Giruuppiin Qarcaanshee Dhaabbata Qorannoo Qonnaa Biraaziil waliin hojjechuuf waliigalan
Finfinnee, Amajjii 30,2018 (FMC)- Giruuppiin Qarcaanshee Dhaabbata Qorannoo Qonnaa Biraaziil Imbireeppaa jedhamu waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.
Waliigalticha Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Giruupppii Qarcaanshee Dooktar Israa’eel Dagafaa fi Pireezidaantiin Dhaabbata Imbireeppaa Biraaziil Siilviiyaa Maashuraan mallatteessaniiru.
Waliigalticharratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeera Qonnaa Dooktar Ifaa Mul’ataa, waliigaltichi guddina diinagdee biyyattiif shoora olaanaa qaba jedhan.
Biraazil walabummaa nyaataa ijaaruu keessattii addunyaarraa biyya dursituu ta’uu isheen,Itiyoophiyaan muuxannoo isheerraa ni qooddatti jedhan.
Waliigalteen dhaabbilee lameen gidduutti mallatteeffame hojiirra akka ooluuf hojiin hordoffii fi deeggarsaa kan taasifamu ta’uu dubbataniiru.
Hojii Raawwachiisaan Olaanaa Giruuppii Qarcaanshee Dooktar Israa’eel Dagafaa gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Biraazil damee qonnaan dhimmoonni wal fakkeessan jiraachuu eeruun kanaanis muuxannoon kan irraa qoodamu ta’uu kaasaniiru.
Itiyoophiyaan qabeenya dilbii qonnaaf oolan hedduu qabaachuu kan eeran Dooktar Israa’eel, akkaataa waliigaltee taasifameen dandeettii jiru gara sadarkaa olaanaatti ni guddisna jedhan.
Waliigaltichi muuxannoo qorannoo qonnaa Biraazilin keessattuu misooma Bunaafi ce’umsa teeknooloojirratti hojjechuuf kan deeggaru ta’uun ibsameera.
Waliigaltichi kan mallatteeffamees misooma bunaa Godina Gujii Lixaa Aanaa Abbaayaa ganda Dabaqaa irratti akka ta’ees eerameera
Alemsaggad Asaayyeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.