Fana: At a Speed of Life!

Gochaalee gaggaarii baatiiwwan Soomaa keessa turan itti fufsiisuun barbaachisaadha – Mana marichaa

Finfinnee, Ebla 11, 2017(FMC) –Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoota sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Gochaalee gaggaarii baatiiwwan Soomaa keessa turan itti fufsiisuun lammiilee deeggarsa barbaadan cinaa dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ergaa isaaniin himeera.

Walummaa, gaarummaa, arjummaa, wal tumsuu, waliif fi yaaduu caalmaatti cimsuun murteessaa ta’uu himeera.

Iyyesuus Kiristoos ofii reebamuu, lafarra harkifamuu, gidiraa hamaa dabarsuu, dhukkubbii, fannifamuu fi awwaalamuun ilma namaa gaarummaa, arjummaa, eebba, cichoominaa fi nageenya barsiisuu eereera.

Hordoftoota amantaa kiristaanaa hundaan baga ayyaana yaadannoo du’aa ka’uu Iyyesuus Kiristoosiin nagaan geessan jedheera.

Ayyaanichi kan gammachuu, fayyinaa, eebbaa, jaalalaa fi badhaadhinaa akka ta’u hawweera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.