Godaambaan Biyyaalessaa Itiyoophiyaa haaroomfamaa ture eebbifame
Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Godaambaan Biyyaalessaa Itiyoophiyaa haaroomfamaa ture xumuramuun eebbifameera.
Daayirektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Hambaalee Itiyoophiyaa Piroofeesar Ababaaw Ayyaleen, Godaahambichi bara 1965 kan ijaarame ta’uu ibsuun, Baatii Muddee 2017 eegalee haaroofamaa turuu kaasaniiru.
Haaroomsi Godaahambichaa deeggarsa Mootummaa Faransaayi irraa kan argame ta’uu ibsaniiru.
Godaambaan kunis boru irra eegale Ummataaf kan banamu ta’uu dubbataniiru.
Sintaayyoo Abbabaatu gabaase.
#Oromia # Ethiopia