Godaambaan Masaraa Biyyaalessaa uummataaf baname
Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC)- Haaromsarra kan ture godaambaan Masaraa Biyyaalessaa guyyaa har’aa irraa eegalee uummataaf banameera.
Masaraan mootummaa kun konkolaattota duriifi paarkiiwwan bineensotaa dabalatee hambaalee seena qabeeyyii , reestuuraantiiwwaniifi ispaawwan sadarkaan isaanii eeggatan kan of keessaa qabu.
Godaambaan kun uummataaf banaa ta’uu ilaalchisee Bulchaa olaanaan Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa obbo Mitikkuu Dheeressaa ibsa kennaniin, masaraan kun Itiyoophiyaa gargaaramtummaarraa hambisuuf gahee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Masaraan Mootummaa biyyaalessaa kun guyyaa Kibxataan ala torban guutuu sa’aatii 3:00 hanga 11:30’tti uummataaf banaa ta’uu dubbataniiru.
Galiin daawwattootarraa argamus piroojektoota kutaalee biyyattii garaagaraatti osoo hin xumuramiin hafan xumursiisuuf kan oolu ta’uun ibsameera.
Gatiin seensaas idileen Birrii 300, tiikeettii addaaf Birrii 1000 jedhan obbo Mitikkuun.
Zaraayaa’iqoob Yaa’iqoobtu qabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.