Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti, oomisha qonna gannaa bara 2017/2018f lafti hektaarri kumni 900 ol qotamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2017 (FMC) – Godina Arsiitti, oomisha qonna gannaa bara 2017/2018’f lafti hektaarri kumni 900 fi kumni 38 qotamaa jira jedhe Waajjirri Qonnaa Godinichaa.

Godina Arsii Aanaa Doddotaatti sosochiin qonna kilaastera makaanaayizeeshiiniin qonnaan geggeeffamaa jira.

Qonnaan bultootni aanichaas aadaa kilaasteratti fayyadamuu cimsachuun oomishaafi oomishtummaan dachaan akka dabaluuf hojjechaa jiraachuu himan.

Bulchaa Ittaanaan fi Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Doddotaa obbo Jamaal Nuuraan, aanichatti qonna gannaatiin lafa hektaara kuma 36 fi 740 irratti midhaan garagaraa misoomsuuf hojjetamaa jira jedhan.

Ittaanaan ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa godina Arsii Obbo Ibraahim Qaasoo godinichatti oomisha qonna gannaatiin lafti hektaarri kuma 900 fi kuma 38 ol midhaan garagaraatiin kan misoomu ta’uu himan.

Qonnaan bultootni aanaalee godinichaas makanayizeeshinitti gargaaramuun cinaatti calla guddiftuuwwanitti sirnaan fayyadamuun oomishaa fi omishtummaa dabaluuf hojjechuu akka qabanis dhaaman.

Abdallaa Amaantu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.