Fana: At a Speed of Life!

Godina Arsiitti Pirojektoonni garaagaraa Birrii biiliyoona 5 oliin ijaaraman xumuraman

Finfinnee, Caamsaa 18, 2017(FMC) – Godina Arsiitti Pirojektoonni misoomaa garaagaraa Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona 800 oliin ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf qophii ta’uun ibsame.

Godinichatti pirojektootni misoomaa garagaraa 965 aanaalee 25 fi bulchiinsa magaalotaa 3 keessatti kilaastaroota afuriin  qindaa’uun marsaa tokkoffaafi lammaffaan kan eebbifaman ta’uunis ibsameera.

Bulchaa Itti aanaan Godina Arsii obbo Hirphaa Dhaabaa, godinichatti bara kana pirojektoota garaagaraa baajata mootummaa, hirmaannaa hawaasaafi dhaabbilee miti-mootummaa Birrii biiliyoona 5 fi miiliyoona 800 fi miiliyoona 91 fi kuma 100 fi kuma 22 oliin ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu ibsaniiru.

Pirojektoonni kunneenis Waajjiraalee mootummaa, Manneen Barnootaa, Daandii, Riqaalee, Dhaabbilee Fayyaa, Pirojektoota Bishaanii, Jallisii, Waldaalee Hojii Gamtaafi  Kilaastaroota garaagaraa ta’uus himaniiru.

Pirojektoonni kunneen walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu, uwwisa tajaajila sektaraaleefi sadarkaa kenna tajaajilaa dabaluun cinaatti kutaalee hawaasaa garaagaraa miiliyoona 3 ol  fayyadamoo akka taasisan eeraniiru.

Abdallaa Amaantu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.