Fana: At a Speed of Life!

Godina Baaleetti hanqinni dhiyeessii Humna Elektirikaa barootaaf ture furame – Tajaajilicha

Finfinnee, Mudde 25, 2018 (FMC) – Godina Baaleetti hanqinni dhiyeessii Humna Elektirikaa magaalootaa fi aanaalee godichaa keessaa barootaaf ture furame jedhe Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa.

Magaaloonnii fi aanaalee kana dura dabareen tajaajila Elektirikaa argachaa turan buufanni Raabsa Elektirikaa haaraan ijaaramuu hordofee hanqinni dhiyeessuu furamuu Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaatti Daayrekterri damee Baalee Roobee Mahaammad Huseen eeraniiru.

Magaalaa Roobee dabalatee aanaalee godinichaa 8 bara 2016 eegalee dabareen Tajaajila Elektirikaa argachaa turuu eeran.

Sababa kanaan hawaasni godinichaa komii olaanaa kaasaa akka turan dubbatan.

Buufanni haaraan ijaarame Mudde 24, 2018 eegalee hojii jalqabuu isaan rakkoon ture furamuu tajaajilichi ibsa Faanaa Diijitaaliif ergeen himeera.

Kanaanis Magaalaa Roobee, Aanaa Sinaanaa, Gooroo, Diinshoo, Agaarfaa, Gaasaraa, Gobbaa, Daawwee Qaacalii fi naannawwan isaanii fayyadamoo ta’uu eere.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.