Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti Albuudni gosti 57 qorannoon adda baafame

Finfinnee, Sadaasa 11, 2018 (FMC)- Godina Booranaatti hojii adda baafannaa albuudaatiif xiyyeeffannoo kennameen albuudni gosti 57 qorannoon adda bahuun hojirra oolaa jira jedhe Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa humna diinagdee biyyaa utubuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuun ibsame.

Kanaanis diinagdee gooroo shananiif xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana keessaa dameen misooma Albuudaa isa tokkoodha.

Godinichatti bara 2012 hanga 2017’tti hojii adda baafannaa albuudaa irratti hojjetamaa tureen, lafa albuudaa bali’nni isaa meetir iskuweerii 376 ta’e rratti gosoota albuudaa 57 adda baasuun danda’amee jira.

Damee albuudaa kanarratti namoota kuma 62 fi 594 ta’aniif carraan hojii dhaabbiifi yeroon uumuun danda’muun eeram,eera.

Waldaaleen 333 ta’an hojii oomisha albuudarraatti ijaaramuun hojjechaa kan jiran yoo ta’u, bu’aa kaappitalaa Birrii miliyoona 1.7 hanga miliyoona 33’tti horatanii jiru.

Godinichatti bara baajataa 2018 kanattis humna qorannoo cimsuun lafa meetir iskuweerii 286.7 ta’u irratti hojii adda bafannaa albuudaa hojjetamu cinatti hojiin albuudatti sona dabaluufi beeksisuu irratti cichoominaan hojjetamaa jiraachuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.