Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti midhaan lafa heektaara kuma 100 ol irratti faca’e kunuunfamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 4, 2017(FMC) – Godina Booranaatti midhaan lafa heektaara kuma 100 fi kuma 35 irratti faca’ee kunuunfamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Bara kana rooba gannaa aanaalee godinichaa hundatti haala gaariin roobaa jirutti fayyadamuun horsiisee bultoonni horsiisaan cinaatti hojii qonnaarratti bobba’uun midhaan facaafatan haala gaariirra jiraachuun himameera.

Godina Booranaatti bara kana qonna gannaan midhaan gosoota garaagaraa lafa heektaara kuma 100 fi kuma 31 irratti oomishuuf karoorfamee lafa heektaara kuma 100 fi kuma 35 irratti faca’uu Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa obbo Jallaa Dullachaan ibsaniiru.

Gosoota midhaanii xiyyeeffannoo mootummaan kenneen godinichatti oomishamaa jiran kanneen akka Boloqqee, Mishingaa, Boqqoolloo, Qamadiifi Xaafii misoomaa jiraachuus eeraniiru.

kunuunsi midhaanii sadarkaa gaariirra jiraachuu kaasanii, ogeeyyiin qonnaa hordoffii taasisaa akka jiran himaniiru.

Hojii kunuunsa midhaanii hojjetameenis lafti hektaarri kuma 100 fi kuma 33 ol aramaarraa qulqullaa’uu obbo Jallaan ibsaniiru.

Midhaan misoomaa jiru kanarraas callaan kuntaalli miiliyoonni 1 fi kumni 700 ni argamaan eegama jedhameera.

Ayyaanaa Dheeressaan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.