Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti qonna Arfaasaarraa callaa kuntaalli miiliyoonni 1 fi kumni 200 argame

Finfinnee, Hagayya 8, 2017(FMC) – Godina Booranaatti hanga ammaatti oomisha qonna Arfaasaa sassaabamerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 1 fi kumni 200 argameera jedhe Waajjirri Qonnaa Godinichaa.

Godinichatti oomisha midhaan garaagaraa lafa heektaara kuma 100 fi kuma 35 irratti misoomerraa hanga ammaatti lafa heektaara kuma 100 ol irraa midhaan sassaabamuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Jallaa Dullachaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Qonna Arfaasaa kanarraa callaa kuntaala miiliyoona 1 fi kuma 700 argachuuf karoorfamee hanga ammaatti callaa kuntaalli miiliyoonni tokkoofi kumni 200 argamuus ibsan.

Midhaan godinichatti misoome keessaa sassaabbiif kan gahe lafa heektaara kuma 100 fi kuma 30 irratti kan faca’e ta’uu kaasanii, oomisha hafe sassaabuuf hojjetamaa jiraachuu eeran.

Godinicha aanaalee tokko tokkotti sababa hanqina roobaan oomishni midhaanii hangi abdatamu argamuu akka hin dandeenyes kaasaniiru.

Qisaasama oomishaa wayita sassaabbii mudatu hir’isuuf mekaanaayizeeshiniitti fayyadamuun akkasumas qonnaan bultootaaf hubannoo uumuun hojjetamaa jiraachuu obbo Jallaan hubachiisaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.