Godina Gujiitti qonna Arfaasaatiin lafti heektaarri kumni 200 ol misoome
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC)- Godina Gujiitti qonna Arfaasaatiin lafti heektaarri kumni 200 ol misoome.
Godinichatti bara kana lafti heektaarri kuma 200 fi kuma 58 ol oomisha garaagaraatiin uwwifamuu Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Dastaa Gaabaryaas himaniiru.
Oomisha kuntaala miiliyoona 4.2 ol sassaabuuf karoorfamuus ibsaniiru.
Qonnaan bultoonni godinichaas qonna arfaasaarraa fayyadamoo ta’uu dubbataniiru.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan Godina Gujiitti hojii Misooma garaagaraa daawwaachaa jiru.
Midhaagsaa Qachaatu gabaase.
Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.