Godina Horroo Guduruu Wallagaatti qamadiin Buusaa Gonofaan misoome walitti qabamaa jira
Finfinnee, Mudde, 1, 2018 (FMC)- Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Guduruutti qamadiin Buusaa Gonofaan lafa hektaara 70 irratti misoome Kombaayinaraan walitti qabamaa jira.
Oomisha gahe kombaayinaraan walitti qabuun qulqullinaa fi oomisha qisaasamarraa baraaruuf gahee olaanaa qabaachuu Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee himaniiru.
Sangaan qotuu fi humna namaan oomisha sassaabuun guddina dinagdee qonnaan bulaa haala barbaadameen jijjiiruu waan hin dandeenyeef ce’umsa qonnaa tekinooloojiin deeggaruun murteessaa ta’uus obbo Mirreessaas dubbataniiru.
Oomishni Gaaddisa buusaa Gonofaan oomishame harcaatii malee akka sassaabamuuf kombaayinaraan deeggaramuu qaba kan jedhan immoo Sadarkaa itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastera Misooma Magaalota Oromiyaa obbo Masfin Malaakuuti.
Mootummaan Naannoo oromiyaa gaaddisa Buusaa Gonofaaf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu fi hawaasni gurmaa’insa isaa cimsuun misoomaa fi nageenya keessatti dammaqinaan hirmaachuun Badhaadhina yaadame milkeessuuf hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Aadaa fi duudhaa Oromoo kan ta’e sirna Buusaa Gonofaa cimsuun gargaaramtummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf tekinooloojii qonnaa babal’isuun murteessaa ta’uus kaasuu isaanii Waajjirri Kominikeeshinii godinichaa odeeffannoo Faanaa Dijiitaaliif ergeen ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.