Godina Jimmaatti bara kana lafti hektaarri kumni 300 ol Qamadii jallisii Bonaatiin ni misooma
Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Godina Jimmaatti bara kana lafti hektaarri kumni 300 ol Qamadii jallisii Bonaatiin ni misooma jedhe Waajjirri qonnaa godinichaa.
Godinichatti bara 2013 aanaa tokko keessatti lafa hektaara 50 qofa irratti kan jalqabame Inisheetiiviin misooma qamadii jallisii Bonaa yeroo ammaa Aanaalee Godinichaa hunda keessatti hojiirra oolaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa obbo Tijjaanii Tamaam himaniiru.
Bara oomishaa baranaatiin Godinichatti lafa hektaara kuma 300 irratti qamadii bonaa jallisiin misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 12 argachuuf karoofamuu Bulchaan Godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir eeraniiru.
Hanqinni dhiyeessii sanyii fi xaa’oo akka hin mudanneef qophiin dursaa taasifamee gara facaasaatti galamuu obbo Tijjaaniin dubbataniiru.
Guyyaa har’aas Aanaa Qarsaa Ganda Awaayee Sabbuutti facaasaan qamadii jallisii Bonaa eegalchiifameera.
Aanichatti guyyaa har’aa lafa hektaara 120 jallisiin misoomu irratti facaasaan eegalamuu isaa Bulchaan Aanichaa obbo Abdulhamiid Abbaa Faajjii himaniiru.
Warqaafarraawu Yaalewutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.