Godina Jimmaatti oomishni Avokaadoo Kiiloo Giraamni miiliyoonni 4 galtee Indaastiriif dhiyaachuufi
Finfinnee, Hagayya 26, 2017 (FMC) – Godina Jimmaatti Avokaadoo lafa Hektaara kuma 18 fi 313 irratti misoomerraa oomisha Kiiloo Giraama miiliyoona 4 galtee Indaastiriif dhiyeessuufi jedhe godinichi.
Har’a sagantaan qonnaan bultuutootni oomisha isaanii bifa qindaa’een gabaaf akka dhiyeeffatan dandeessisu Aanaa Maannaatti eegaleera.
Bara oomishaa darbee oomishni Avokaadoo Kiiloo Giraamni miiliyoonni 2.8 argamuu Bulchaan godinichaa obbo Tijjaanii Naasir dubbatan.
Bara kana ammoo Kiiloo Giraama miiliyoona 4 gabaa alaa fi galtee Indaastiriif dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himan.
Oromiyaatti bara kana oomisha Avokaadoo Kuntaalaa miiliyoona 7 sassaabuuf hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuun eeran.
Muktaar Xahaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.