Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti Piroojektoonni kumni 1 fi 886 Birrii biiliyoonaa 5.5 hojjetaman – Bulchiinsa godinichaa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC) – Godina Jimmaatti Piroojektoonni kumni 1 fi 886 Birrii biiliyoonaa 5.5 hojjetaman tajaajilaa banaa ta’aa jiru jedhe Bulchiinsi godinichaa.

Godina Jimmaa Aanaa Dedoo fi aanaa Qarsaatti pirojektoonni misoomaa garaagaraa eebbifamuun tajaajilaaf banamaniiru.

Aanaa Dedootti pirojektiin Bishaan dhugaatii Birrii miliyoonaa 100 fi miiliyoona 76 ‘ttin ijaarame kan hawaasa kuma 40 ol fayyadama taasisu tajaajila kennuu jalqabera.

Aanaa Qarsaattis warshaa nyaata beelladaa fi giddu gala gabbisaa loonii Birrii miliyoona 50’ oliin ijaarame ebbifameera.

Piroojektootni garagaraa Aanaa Qarsaa keessatti hojjetaman hawasaa kumaa 200 fayyadama tasisan dargagoota kuma16 oliif carraa hojii uumuu Bulchinsa Aanichaa obbo Abdulhamid Abba Faajjiin ibsaniru.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijaanii Naasir, godinichatti piroojektoonni kumni 1 fi 886 Birrii biiliyoonaa 5.5 hojjetaman keessaa kan bishaan dhugaatii Magaalaa Sheekii tokko ta’u dubbatan.

Piroojektoonni kunneen bakka Paartii Badhaadhina Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa obbo Namarraa Buliin argamanitti eebbifamaniiru.

Naannoo Oromiyaatti piroojektoonni bishaan dhugaatti kumni 2 fi 960 Biirri biliyoona 14 ijaaramani tajaajilaf ga’uu ibsan obbo Namarraan.

Tasfahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.