Fana: At a Speed of Life!

Godina Shawaa kaabaatti Sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 4 darbe

Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC)- Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Eefraataafigidimitti rooba cimaa roobe hordofee Sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 4 darbeera.

Aanichatti rooba cimaa roobe hordofee balaa lolaa fi Sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 4 kan darbe yoo ta’u namoota lama irra miidhaan qaqqabeera.

Balichi halkan edaa kan mudate yoo ta’uu, qabeenyaa fi oomisharra miidhaa cimaa qaqqabsisuun ibsameera.

Waktii gannaa ta’uu hordofee hawaasni balaa lolaa mudachuu danda’urraa ofeeggannoo akka taasisuu Aanichatti Itti Gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi Nageenyaa Zawuduu Taallafaan hubachiisaniiru.

Ababaa Yashawaali’uulitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.