Fana: At a Speed of Life!

Godina Wallaggaa Bahaatti lafa heektaara kuma 54 ol irratti sanyiin faca’e

Finfinnee, Caamsaa 11, 2017(FMC) – Godina Wallagga Bahaatti qonna gannaan lafa heektaara kuma 54 fi 340 irratti sanyiin faca’uu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Godinichatti qonna gannaan lafa heektaara kuma 800 fi 200 qotuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Asfaawu Hanbisaan ibsaniiru.

Lafti hanga ammaatti qotames heektaara kuma 600 fi kuma 38 ol ta’uu kaasanii, lafti heektaarri kumni 200 fi 542 tiraaktaraan, heektaarri kumni 400 fi kumni 38 fi 231 qotiyyoon qotamuu eeraniiru.

Godinichatti bal’inaan kan qotamu boqqolloo ta’uu kaasanii, sanyii boqqoloo filatamaa godinichaaf qoodame kuntaala kuma 20 fi 542 keessaa kuntaalli kumni 19 ol qonnaan bulaa bira gahuu himaniiru.

Dhiyeessii xaa’oon walqabatee xaa’oon kuntaalli kuma 400 fi kuma18 fi 489 godinichaaf dhiyaachuu kan ibsan obbo Asfaawu, kana keessaas xaa’oon kuntaalli kumni 100 fi kumni 56 ol  harka qonnaan bulaa gaheera jedhan.

Iddoowwan roobni hin eegalleetti qophiin maasii itti fufee jiraachuufi qonna gannaa bara Kanaan oomisha kuntaala miiliyoona 22 fi kuma 500 argamsiisuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaan.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.