Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti balaa Konkolaataa mudateen lubbuun namoota 9 darbe

‎Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosatiitti balaa Konkolaataa mudateen lubbuun namoota 9 darbe.

‎Konkoolataan deddeebisa ummaataa Isuuzuu jedhamu Godina Arsii irraa gara Harar imalaa ture Konkoolata fe’umsaa waliin walitti bu’uun balaa kana qaaqqabsiisuu Qindeessaan Nageenya Tiraafiikaa Aanaa Boosat Inispektara Olaanaa Silashii Baayi ibsaniiru.

‎Balichaan lubbuun namoota 9 yoo darbu, namoota 3 irra miidhaa cimaa fi 5 irra ammoo miidhaa salphaan qaqqabuu himan.

‎Abdallaa Amaantu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.