Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti bara kana Biqiloota Mil 200 ol dhaabuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 24, 2017(FMC) – Godina Shawaa Bahaatti sagantaa Asharaa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan qophaa’aa jiru jedhe Waajjirri Qonnaa Godinichaa.

Ittigaaftamaan Waajiira Qonnaa Godinichaa Obbo Masfin Tashoomaan Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa milkeessuuf buufataalee kuma 1 fi 800 ol keessatti biqiltuuwwan akaakuu garaagaraa miliyoonni 200 fi miliyiinni 60n qohaa’aa kan jiran yoo ta’u, hojiin bakka dhaabbii biqilootaa fi boolla qopheessuu durfamee hojjetamaa jira.

Kanneen keessaa miliyoonni 26 fuduraale akka pappaayaa, appilii, burtukaanaa fi avokaadoo fa’a yoo ta’an, sanyiiwwan fooyya’oo gabaa alaaf oolan biyya alaarraa fidamanii madaqfamaa jiru.

Biqiltuuwwan kunniin kan qophaa’aan sadarkaa qonnaan bulaa, waldaalee IMX fi buufataalee biqiltuu mootummaatti dha.

Dhaabbii biqiloota kanneeniifis boolla miliyoona 100 ol hanga ammaatti kan qotaman yoo ta’u, hojiin boolla qopheessuu ammas itti fufee jira.

Hojii Ashaaraa Magariisaa waggoota darban keessa hojjetameen jijjiiramni kan dhufe yoo ta’u, kanneen keessaa muuziin kilaasteraan misoomaa jiruu fi avokaadoon hanga gabaa alaatti ergamuu eegale isa tokkoo dha jedhan obbo Masfin.

Sadarkaan latiinsa biqiloota bosonaa kanaan dura dhaabamaniis akka guddatuuf waggaatti marsaa lamaan hojiin kunuunsuu ni geggeeffama jedhan.

Kanaanis bu’aa gaariin argamaa kan jiru yoo ta’u dhiibbaa roobaan akka hin miidhneef xiyyeeffannoon hojjetamaa dubbataniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin.z

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.