Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti bara kana Buna Toonii kuma 74 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Mudde 7, 2018 (FMC)- Godina Iluu Abbaa Booritti bara kana Buna Toonii kuma 74 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira.

Buna qulqullina qabu oomishuun sharafa alaa dabaluuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.

Bunni sharafa alaa argamsiisuun dinagdee biyyaa utubuu keessatti shoora olaanaa qabaachuus ibseera.

Haaluma kanaan Buna qulqullina olaanaan oomishuun jiruu fi jireenya qonnaan bulaa dabaluu akkasumas sharafa alaa argamsiisuuf xiyyeeffannaa olaanaan hojjetamaa jira.

Godinaalee buna sadarkaa olaanaan gabaa giddugaleessaaf dhiyeessan kessaa Godinni Iluu Abbaa Boor tokko yoo ta’u, oomisha bunaa baay’inaa fi qulqullinaan gabaa biyya keessaa hanga alaatti dhiyeessuuf hojjetamaa jira.

Godinichatti Bara kana xiyyeeffannoo addaa bunaaf kennameen buna toonii kuma 74 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf hojjatamaa jiraachuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.