Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Buna Toonii 292 gabaa biyyaalessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 4, 2018 (FMC) – Godina Wallagga Bahaatti Buna Toonii 292 gabaa biyyaalessaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jira jedhe waajjirri qonnaa godinichaa.

Godinichatti Oomisha bunaa gabaa giddu galeessaafi gabaa alaaf dhiyeessuuf qulqullina isaarratti xiyyeeffatamee hojjechaa jira.

Aanaalee godinichaa oomisha bunaan beekaman keessaa tokko aanaa Leeqaa Dullachaa yoo ta’u, akka aanichaatti qonnaan bultootaa fi abbootii qabeenyaa buna oomishaa jiran waliin ta’uun buna qulqulluu ta’e gabaaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu itti aantuu bulchaa fi itti gaafatamtuun waajjira qonnaafi lafaa aanichaa aadde Caaltuu Giddiisaan ibsaniiru.

Akka Godina Wallagga Bahaattis bara kana Bunni toonii 292 gabaa biyyaalessaaf kan dhiyaatu yoo ta’u, kana milkeessuufis inisheetiivii mootummaa buna qulqullinaafi baay’inaan akka dhiyaatu jedhurratti hojjetamaa jira.

Godinichatti oomishniifi oomishtootni bunaa dabalaa dhufuu isaatiin wal qabatee maashinoota buna falfalaniifi deeggarsi garaagaraa taasifamaa jiraachuu itti gaafatamaan waajjira qonnaa godina Wallagga Bahaa obbo Darajjee Nagaasaan himaniiru.

Dhaabaa Fiqaaduutiin

Oromia# Ethiopia#

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.