Godinichatti dhaabbiin Biqiltuu baala shaayii eegale
Finfinnee, Caamsaa 20, 2017 (FMC)- Godina Iluu Abbaa Booritti dhaabbiin biqiltuu baala Shaayii eegaleera.
Godinichatti biqiltuun baala shaayii miiliyoonni 40 ol dhaabbiif qophaa’e jedhe waajjirri Qonnaa Godinichaa.
Itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa Godinichaa obbo Chaalaachoo Addunyaa Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, bara kana biqiltuun baala shaayii miiliyoonni 20 ol lafa heektaara kuma 1fi 100 irratti ni dhaabamu.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa Sagantaan jalqabbii dhaabbii biqiltuu baala shaayii Aanaa Haluu fi Diiduutti eegalameera.
Biqiltuun baala shaayii kilaastera shanitti kan dhaabaman ta’uu kaasaniiru.
Akkasumas Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf godinichatti biqiltuuwwan gosa garaagaraa miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 98 ol qophaa’aniiru.
Biqiltuuwwan kunneen buufata biqilaa kuma 1fi 100 ol irratti kan qophaa’aniidha.
Lafa heektaara kuma 24 olirratti dhaabuuf qophiin lafaa eegalameera jedhan.
Bara kanaa biqiltuuwwan nyaataaf olanirrtti xiyyeeffatamee hojjetamaa tureera.
Sagantaa eegalchiisa dhaabbii biqltuu baala shaayiirratti Bulchaan Godinichaa obbo Indaalkaachoo Tafarii fi hoggantoonni biroon argamaniiru.
Tsahaay Gulummaatu gabaase.