Godinichatti duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuuwwan miiliyoona 16 ol dhaabuuf qophiin xumurame
Finfinnnee, Adoolessa 23, 2017 (FMC) – Godina Shawaa Kaabaatti Adoolessa 24 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan gosa gara garaa miiliyoona 16 ol dhaabuuf qophiin barbaachisu xumurame jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.
Itti ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Kaabaa obbo Hirphaa Addunyaa akka ibsanitti, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaatiif iddoo dhaabbiif qophaa’e lafa heektaara kuma 5 fi 447 irratti akka dhaabbatu eeraniiru.
Guyyaa kanattis hawaasni godinichaa kumni 500 ol sagantaa kanarrattis ni hirmaatuun eegama jedhan.
Hawaasni godinichaa ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalanii hojii ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti qooda fudhachuun ashaaraa isaanii kaa’uu akka qaban dhaaman .
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.