Godinichatti duula guyyaa tokkoon biqiltuuwwan miiliyoona shanii ol dhaabuuf qophiin xumurame
Finfinnee, Adoolessa 23, 2017(FMC) – Godina Baaleetti Adoolessa 24 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan gosa gara garaa miiliyoona 5 ol dhaabuuf karoorfame milkeessuuf qophiin xumurame jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.
Itti Aanaan ittigaafatamaa Waajjira Qonnaa Godina Baalee obbo Geetaachoo Abbabaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiif akka ibsanitti, sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaatiif iddoo dhaabbii 99 filatame irratti lafa hektaara kuma 4 fi 600 uwwisuuf karoorfame.
Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa boru sa’aatii 12:00 irraa eegalee gaggeeffamuun karoora ashaaraa magariisaa qabame milkeessuuf qophiin xumuramuu dubbatan.
Hawaasni godinichaa hundi hojii ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti qooda fudhachuun seenaa galmeessuu akka qaban dhaamaniiru.
Bara kana marsaa 7ffaaf mataduree ‘Dhaabuun Bayyanachuu’ jedhuun guutummaa biyyattiitti dhaabbiin biqiltuu geggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa tokkottis Adoolessa 24 bara 2017 biqiloota gosa garaagaraa miliyoona 5 ol duulaan dhaabuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira jedhan.
Olyaad HaajiAhmaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia