Godinichatti facaasaan Qamadii jallisii Bonee eegalame
Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) –Godina Arsiitti facaasaan Qamadii jallisii bonee eegalame jedhe Waajjirri Qonnaa godinchaa.
Bara kana lafa heektaara kuma 300 fi kuma 60 ol Qamadii jallisii boneen misoomsuuf facaasaan eegalamuu ibse.
Aanaalee garaagaraa keessatti hanga ammaattis lafti heektaarri kuma 6 ol faca’uu Ittigaafatamaan Waajjira qonnaa godina Arsii obbo Ibraahim Qaasoo himaniiru.
Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf sanyii filatamaa, paampiiwwanii fi galteewwan barbaachisan dhiyaachuu dubbatan.
Hojii qonna jallisii bonee kanarraa callaan kuntaalli miiliyoonni 13.5 ni eegama jedhan.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.