Godinichatti Pirojektoonni 310 Birrii biiliyoona 6.3 hojjetaman eebbifaman
Finfinnee, Waxabajjii 26, 2017 (FMC) – Godina Harargee Bahaatti Pirojektoonni garaa garaa 310 ta’an Birrii biiliyoona 6.3’n hojjetaman eebbifaman.
Pirojektoonni kunneen hawaasa godinichaa miiliyoona 4 fi kuma 34 fi 200 ol fayyadamtoota kan taasisan ta’uu Bulchituun godina Harargee Bahaa aadde Miskii Mahammad ibsaniiru.
Pirojektoota kanneen keessaa 266 baajata mootummaa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 800 fi miiliyoona 96 oliin kan hojjetaman yoo ta’u, Piroojektoonni 44 dhaabbilee mit-mootummaan Birrii miiliyoona 200 fi miiliyoona 44 fi kuma 900 oliin kan hojjetamaniidha.
Akkasumas Pirojektoonni kuma 1 fi 284 ta’an humna waloo tajaajila lammummaa Birrii biiliyoona 4 fi miiliyoona 200,oliin kan hojjetamuu dubbatan.
Pirojektoonni hojjetaman kunneen Hospitaalota, keellawwan fayyaa, jallisii, bishaanii,hidha finnaa, manneen barnootaa fi gamoo waajjiraalee mootummaa,riqaalee, Sheediwwan kilaastera Inisheetiivii beelladaa fi kanneen biroo ta’uu eeran.
Yaasin Shamsuddintu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.