Godinichi rakkoo dhibee busaan dhufuu malu ittisuuf dursee qophaa’aa jira
Finifinnee, Caamsaa 27, 2017 (FMC) – Dhieen busaa akka kanaan duraa akka hin hammaanneef dursee qophaa’aan jira jedhe waajjirri Eegumsa Fayyaa Godina Wallaggaa Bahaa.
Godinaalee Oromiyaa rakkoon dhibe busaa irra deddeebiin mul’atu keessaa Godinni Wallaggaa Bahaa tokko yoo ta’u, sadarkaan isaa yoo walcaales anaalee hunda keessatti akka uumamu ragaaleen ni mul’isu.
Ittigaafatamaa Itti aanaan waajjirichaa Obbo Lammeessaa Tarrafaa Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, baroota darban keessa rakkoon sababa dhibee kanaan gahe lamuu akka hin hammaanneef hubannoo hawaasaa guddisuu iraa eegalee qophiin barbaachisu dursee fudhatamaa jira.
Akka ibsa obbo Lammeessaatti, dhibichi bal’inaan kan uumamu baatii Adoolessaa keessa yoo ta’u waqtiin ammaa kun ammoo yeroo mul’achuu itti eegaluu dha.
Baatii Adoolessaa bara baajetaa kanaa keessa qofa namoota kuma 80 caalan irratti kan argame yoo ta’u, walumaagala hanga baatii kanatti namoonni kumni 500 fi kumni 42 ol dhibee kanaan qabamaniiru.
Baay’nni namoota dhibee kanaan qabamanii baatii kana keessa gara kuma 15tti yoo gad bu’ellee, yeroo wal faakkaataa bara darbeen yoo walbira ilaalamu dabalaa jiraachuu waan agarsiisuuf, ammumarraa dhaabbilee qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun qophiin dursaa fudhatamaa jira.
Kun aammoo saaphana siree raabsuu fi qorichi dhibicha wal’aanuuf barbaachisu dhiyeessuu akka dabalatu himaniiru.
Ittifayyadama saaphana sireen walqabtees hanqinni waan mul’atuuf hubannoon hawaasaa akka sirratu barssiisuu bira darbee tarkaanfileen adda addaa fudhatamaa jirus jedhan.
Namoonni dhinbeen kun irratti argame yeroon wal’aanamuufi maatii isaanii keessaas kan qabame yoo jiraate dafani mana yaalaa naannoo isaanii jirutti geessuu akka qaban hubachiisan.
Qoricha nama tokkoof kennames callisanii waliif qooduun balaa gudaa waan qabuuf gocha kanarraa akka of qusatan akeekkachiisan.
Dhiyeessii qorichaan walqabatees hanqinni akka hinmudanneef qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ammumarraa hojjetamaa jiraachuu kaasanii, haalli dhibichi bali’naan itti uumamu jiraachuu waan maluuf, aanaalee irratti buufataaleen wal’aansaa fi ittisa dursaa qophaa’aa jiraachuu hubachiisan.
Hawaasni naannoo isaa qulqulleessuufi dhangala’aan adda addaa akka hikuufamne dhorkuun haala walhormaata bookee busaaf miijatu kamuu ittisuu akka qabus dhaamaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin.