Goobeefi Shinooyyeen, sirnoota boqonnaan dukkana gannaa goolabamee boqonnaan ifa birraa itti lallabamuudha – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Hagayya 29, 2017 (FMC) –Goobeefi Shinooyyeen, sirnoota boqonnaan dukkana gannaa goolabamee boqonnan ifa birraa itti lallabamuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Pireezidaanti Shimallis Goobee fi Shinooyyee ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.
Birraan Sifa! Birraan suga!
Qeerroofi qarreen keenya booqaa birraa faaruu, weedduufi sirboota garagaraan simachuurratti argamu. Abdiifi gammachuu bari’uu birraatti, galata Uumaafi umamaaf qaban shamarran shinooyyeedhaan, foollen goobeedhaan ibsachuutti jiru. Baga waqtii gannaa baatanii booqaa birraa arguuf ofkaltan!
Goobeefi shinooyyeen, sornoota boqonnaan dukkana gannaa goolabamee boqonnan ifa birraa bari’u ittin lallabamanidha. Akkasumas sirnoota missiraachoon rakkoorraa gara qananii, gidirfamuurraa gara nageenyaatti ce’uu; haalonni cichoominaan maqfamuu; boqonnaa haaraan banamuu ittiin ifoomanidha.
Kanaafis, qarreewwan keenya dhallaadduu jiidhaa qabatanii,
“Aseesaa goofaree gootaa
Birraan barana hooda”
jechuun nagaa, gammachuu, badhaadhinaafi tasgabbiin qe’eefi araddaa maratti akka tiifu, kan duule nagaan akka galu, dukkanni waldhabdee darbee ifti nagaa akka goobanu weedduun labsu. Kuni kallattii ummanni Oromoo dhaloota nagaa leellisu, walooma hawwuufi labata ofta’ee jiraatu ittiin qajeelchudha.
Qeerrowwanis gitaan wal-waamanii akkas jechuun Goobee taphatu:
“Goobeen dhufee yaa dureessakoo
Jabbileen oofaa karra naa banii;
Bullukkoo adiikee dadachaafadhuu
Loon buburree gadi yaafadhuu
Siifuu tolaa yaa abbaa karraa
Koottuu irreessa nurraa fudhu.”
Goobeen Gooba! Waqtii kana sanyii sadeentu gooba: kan namaa qeerrootu gooba; kan loonii kormatu gooba; kan midhaanii, biqileetu dibdibee gooba.
Sirni goobees ta’ee shinooyyee ittifufiinsa firiifi sanyii irratti kan xiyyeeffataniidha. Qeerroofi qarreen riqicha dhaloota darbeefi dhaloota dhufuuti. Akka duudhaa ofiitti jiraachuu, abdii kudhaammachuu, ittigaafatamummaaf of-qopheessuufi gaaddisa, akkasumas utubaa maatii ta’uu kan itti shaakalaniidha.
Aadaan kun salphaatti as hingeenye. Humnoonni hedduu Oromoo ofitti alageessufi gaaddidduu aadaa isaa akka baqatu gochuuf tabbi hinbaane, sulullii hinbuune hinturre. Sirna taliila, safuufi safeeffannaa walsimaa, bulmaata irraaf jalaa, heera waaqaaf lafaa, handhuuraa aayyoof aabboo Oromoo gachisiisuuf, falfalli hintolfamneefi qoqqobbiin hinkaa’amne hinturre. Ayyaanotaafi sirnoota hedduu seeraan laganiiru.
Ummanni Oromoo qabsoo obsa fixachiisaa, wareegama lubbuu qaalii kitilee aayyoo, aabboof ilmaanii, akkasumas gootummaa labatatti fulla’een boqonnaa seenaa roorroo sana dandamateera. Haata’u malee, adeemsa seenaa moggeeffamuufi eenyummaa ofiiraa ittifamuu har’a olaantummaa irratti goonfanne kana hanga dhumaatii awaaluun, boqonnaa seenaa kabajaa, walqixxummaafi abbaa biyyummaa michichila hinraafamnerra dhaabuuf, hojii ayyaana goobefi shinooyyee kabajuu bira taru raawwachuun dhimma murteessadha.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa yaadama kanarraa dhaabbachuun kallattii lamaan sochii baldhaa taasisuu irratti argama. Kallattiin duraa, galmoota tarsiima’oo qabsoo Oromoo sadi: dorgomummaa dhalootaa, cimina dinagdee ummataafi ijaarsa sirna si’oomaa — adda baasee hiree haq-qabeessa ummanni Oromoo gatii qaaliin argate bu’uura fulla’insaa qabsiisuuf hojiilee baldhaa raawwachaa jira. Kallattii birootiin, akkaataa galmoota tarsiima’oo sadan kunniinin walsimuun, Haaromsa Aadaa Oromoo toorawwan xiyyeeffannoo shan: Beekumsa Omishuu, Dinagdee Ceesisuu, Aartii Oromoo Ammayyeessuu, Aadaa Oromoo Ceesisuu akkasumas Miidiyaafi Kominikeeshinii Ammayyeessuu — qabu labsuun sochii baldhaa taasisaa jira.
Dhumarrattis, irra deebiin baga booqaa birraa geessan jechaa, birraan baranaa waqtii kan gadde itti gammadu, kan rakkate itti furamu, kan dhabe itti argatu, kan godaane itti galu, kan waldhabe itti araaramu, kan karoorfame itti raawwatamu; tokkummaafi jaalalli dinqa Oromoo itti seenu akka nuuf ta’u hawwiin qabu ibsuun barbaada.
Birraan Sifa! Birraan suga!
#Oromia #Ethiopia