Fana: At a Speed of Life!

Gooticha abbaa meedaaliyaa warqee 24 Atileet Qananiisaa Baqqalaa

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2017 (FMC) – Gooticha biyya isaaf meedaaliyaa warqee 24 argamsiise Atileet Qananiisaa Baqqalaa.

Atileetoonni Itiyoophiyaa hedduun dirree idil addunyaarratti seenaa Itiyoophiyaa fi ummataa isaaniif boonse hojjetaniiru.ammas hojjetaa jiru.

Atileet Qananiisaa Baqqalaan garuu seenaa dhalootaa dhalootatti ce’e, gootummaa fi seenaa injifannoo onnee Itiyoophiyaanootaa keessatti barreesseera.

Hanga gootummaa isaa garuu hin dubbatamneef, hin faarsamne, hin leellifamnes.

Atileet Qananiisaan Atileetoota alaabaa Itiyoophiyaa waltajjii addunyaarratti mirmirsan keessaa adda dureedha.

Itiyoophiyaanoonni waltajjiin dorgommii Atileet Qananiisaan irratti argame Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Warqee akka argattu amanuun dorgommicha ilaalu.

Innis ummataa fi biyya isaa qaanessee hin beeku, waan Itiyoophiyaanoonni barbaadan raawwachuun isaan boonseera.

Meedaaliyaan Warqee Atileet Qananiisaa Baqqalaan dorgommii dhuunfaan argamsiise irra kan biyyaaf argamsiiseetu caala.

Goota biyya isaaf meedaaliyaa Warqee heddu argamsiise, meedaaliyaan inni dhuunfaan argamsiise Atileetoonni biyyoota hedduu ida’amaan hin argamsiifne.

Boqojjii ka’uun waltajjiiwwan idil addunyaa Tiraakii, qaxxaamura biyyaa hanga Maaraatoonii Atileetii seenaa jabaa hojjete Qananiisaa Baqqalaa.

Atileetii biyyi ittiin boontu, goota dhalootaaf fakkeenya ta’e.
Atileet Hayilee Gabrasillaasee hordofuun fiigicha akka itti fufe kan himamu Qananiisaa Baqqalaan, dandeettii marsaa xumuraarratti argasiisuun addunyaa dinqisiiseera.

Atileetiin urjii yeroo hundaa, goonni miila Qeerransaa, Irree jabaa Qananiisaa Baqqalaan har’i guyyaa dhaloota isaa waggaa 43ffaadha.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.