Gosi barnootaa fi sadarkaan kutaalee qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa irraa qophaa’u ifoome
Finfinnee, Bitootessa 24, 2018 (FMC)-Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaataa gosa barnootaa fi sadarkaa kutaalee qormanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2018 irraa qophaa’u ifoomseera.
Haaluma kanaan, gosoonni barnootaa Saayinsii Umamaatiin kan kennaman: Ingiliffa, Herrega, Scholastic Aptitude, Baayoloojii, Keemistirii fi Fiiziksii ta’uun ibsameera.
Saayinsii Hawaasaan immoo: Ingiliffa, Herrega, Scholastic Aptitude, Seenaa, Ji’oograafii fi Ikonoomiksii dha jedhameera.
Qormaatichi gosa barnootaa hundaaf kutaalee 9ffaa hanga 12ffaatti boqonnaalee jiran hunda kan hammatu akka ta’es ibsameera.
Haalli qophii isaas:
Kutaa 9ffaa irratti: Qabiyyee sirna barnootaa duraanii fi isa haaraa irratti kan xiyyeeffatu ta’a.
Kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti ammoo Sirna barnootaa haaraa irratti kan hundaa’e ta’a.
Gosti barnootaa Ikonoomiksii, sirna barnootaa haaraa irratti hundaa’uun kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti kan hammatu ta’uun ibsameera.
#Oromia #Ethiopia