Fana: At a Speed of Life!

Guddina Diinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuuf anniisaan Niwukilaraa daran barbaachisaadha – Obbo Kabbadaa Deessisaa

Finfinnee, Onkoloolessa 25, 2018 (FMC) – Guddina Diinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuuf teeknooloojiin Niwukilaraa daran barbaachisaadha jedhan Ministira Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaan.

Itiyoophiyaan anniisaa Bishaanii, qilleensaa fi aduurraa argattu dabalataan anniisaan Niwukilaaraa daran ishee barbaachisa jedhan.

Anniisaa Niwukilarraa maddisiiuun qaama olka’iinsa Itiyoophiyaa ta’uu eeran.

Keessattuu egeree Itiyoophiyaa fi dhiyeessii anniisaa amansiisaa taasisuuf anniisaan Niwukilaraa daran murteessaa ta’uu himan.

Anniisaan Niwukilararraa maddisiifamu hunda caalaa filatamaa fi guddina biyyaaf bu’uura jedhan.

Diinagdee Magarsiisaa Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuu fi qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee garaagaraa keessatti gaggeeffamuuf anniisaan Niwukilaraa filatamaa akka ta’e ibsan.

Itiyoophiyaan Anniisaa Niwukilarii misoomaaf oolu malee kan dhimma waraanaaf oolu hin oomishtu jedhan.

Hojiileen hojjetaman hundi dantaa biyyaalessaa bu’uura kan godhatan, hunda kan fayyadan malee dhimma murnaa yookaa dhimma garee muraasaa akka hin taane hubachiisan.

Teeknooloojiin Niwukilaraa ammoo guddina diinagdee Itiyoophiyaa mirkaneessuuf daran barbaachisaa ta’uu himan.

Fedhii Anniisaa guddina diinagdee Itiyoophiyaa gitu argachuuf anniisaan Niwukilararraa argamu madda filatamaa fi murteessaadha jedhan obbo Kabbadaa Deessisaan turtii Faanaa Poodkaastii waliin taasisaniin.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.